Ergamni Komishinii Maree biyyaalessaa akka milkaa’u hoggantoonni Miisiyoonootaa qooda isaanii ba’uu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Ergamni Komishinii Maree biyyaalessaa akka milkaa’u hoggantoonni Miisiyoonootaa qooda isaanii akka ba’an waamichi dhiyaatera.

Leenjii hoggantoota ministeera Dhimma alaa, Misiyoonotaa fi dhaabbilee wamamtootaarratti Maree biyyaalessaa ilaalchisee ibsi laatameera.

Yeroi itti aanu miseensota Diyaasporaa kutaalee idil addunyaa garaagaraarratti argaman waliin mariin kan taasifamu ta’uu miseensi Komishinichaa Dooktar Taganyawarqi Geexuun ibsaniiru.

Kana milkeessuuf hojiileen qophii duraa hojjetamaa jiraachuu dubbachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment