Gamtaa Afrikaatti Ergamaan addaa Ityoophiyaa Oobaasaanjoon Finfinnee galan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC) – Gamtaa Afrikaatti Ergamaan addaa Ityoophiyaa fi Preezdaantiin duraanii Naajeeriyaa Ooliiseengoo Oobaasaanjoon Finfinnee galuu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Ooliiseengoo Oobaasaanjoon Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin wal arguun haala adeemsa nageenya buusurratti waan irra ga’an ibsa kan taasiisan ta’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa eereera.

Dhimma deeggarsa namoomarratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad wallin ni mari’atuun eegama.

Ooliiseengoo Oobaasaanjoon turtii isaaniin Ambaasaaddaroota Gamtaa Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif dhimma Ityoophiyaa ilaalchisee qabxiilee yeroo amma irra ga’anirraatti ibsa kan taasiisan ta’uu Ragaan Tajaajjila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment