Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Ergama kabachiisa nageenyaa Yuukreen irratti guyyaa har’aa walga’iin Ingilizitti akka taa’amu gabaafameera.
Gamtaa Awurooppaafi NATO dabalatee biyyoonni 20 ol ni hirmaatu jedhameera.
Gamtaa ergama nageenyaa Ingiliziifi Faransaay hogganan kanarratti hoggantoonni olaanoon loltummaa biyyoota kanneenii kan argaman ta’uufi haala hojiirra oolmaa isaarratti kan mari’atan ta’uu ibsameera.
Karoorri Yuukreenitti ergama nageenya kabachiisuuf loltoota bobbaasuu Kun gara boqonnaa gochaatti ce’uu Ministirri Muummee Ingiliz Sar Keer Istaarmar dubbataniiru.
Faransaayiifi Ingiliz loltoota isaanii gara Yuukreenitti erguuf fedhii qabaachuufi biyyoonni gamtichaa biroon ammoo karaa garaagaraa deeggarsa akka taasisan ibsuu isaanii Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia