Ergaan Muummee Ministiraa ayyaana nuuf kennameen ol ka’iinsa Ityoophiyaaf hojjechuu akka qabnu agarsiisa – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ergaan Muummee Ministiraa gidiraa fi qormaata nurra ga’eef osoo hin taane ayyaana nuuf kennameen ol ka’iinsa Ityoophiyaaf hojjechuu akka qabnu agarsiisa jedhan Waajjira Muummee Ministiraatti Qindeessaan Giddu Gala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad har’as akkuma kaleessaa qormaatilee injifannoon ceenee, harka keenya galataaf haa bal’ifannu jechuun ergaa galataa dabarsuun kan yaadatamuudha.
Ergaan isaan dabarsan Ityoophiyaan qormaatilee ishee muudate hunda akka injifattu waaqa ishee taasiisee fi ummata galateeffachuudha jedhan Dooktar Biqilaan.
Ergichi lammiileen xinsammuu fi aadaa galateeffannaa akka gabbifatan dhaamsa kan dabarse ta’uu eeraniiru.
Waggootaan arfan darban gidiraa fi abdiin,tokkummaa fi garaagarummaan,dinqisiifannaa fi dhiibbaan idil addunyaa, miidhaa fi faayidaan seenaa Ityoophiyaa keessatti muul’atee hin beekne mul’achuu ergichaan kaasuu isaanii himaniiru.
Ityoophiyaanoonni tokkummaan qormaatilee injifannoon darbaa jiraachuu kan kaasan Dooktar Biqilaan, galateeffannaa fi tumsa cimsuun Ityoophiyaa cimtuu hin jilbiiffanne itti fufsiisuu qabna jedhaniiru.
Akkuma Muummeen Ministiraa jedhan tola ooltoota biyya sadarkaa kanarraan ga’an, hoggantootaa fi uumaa galateeffachuun hunda keenyarraa kan eegamu ta’uu kaasaniiru.
Injifannoon Atleetoonni Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaarraatti galmeessan tokkummaan yoo hojjenne gufuulee hunda akka dabarru agarsiiftuudha jechuun ibsaniiru.
Mootummaan jila Atleetiksii kanaaf simannaa gootaa kan taasiisu ta’uu eeruun, sagantaan ‘Ityoophiyaan haa galateeffattu’ jedhu guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta’uu Dooktar Biqilaan himaniiru.
Hojjettoonni fi hoggantoonni Dhaabbilee biyyatti hunda keessatti argaman guyyaa boruu sa’aatii 9:00 irratti harka mirgaa isaanii laphee bitaa isaanirra kaa’uun daqiiqaa tokkoof sirna galateeffannaa ni raawwatu jedhan.
Itti aansee Ityoophiyaanoonni hundi daqiiqaa tokkoof ililchaa fi harka waliin dhahuun lammiilee fi hoggantoota isaanii kan galateeffatan ta’a jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment