Ergaa Tumsa Tajaajila Lammummaarratti Preezdaant Shimallis Abdiisaan dabarsan

Finfinnee Muddee 2, 2013 (FBC)-Ergaa Tumsa Tajaajila Lammummaa Preezdaant Shimallis Abdiisaan dabarsan.
 
Ergaa guutuun akka armaan gaditti dhiyaateera.
 
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa,
Kabajamtoota Lammiilee hojii tajaajila lammummaatiif fuul-duree taatanii hiriirtanii,
Dargaggoonni, dubartoonni, hojjettoonni mootummaa, barattoonniifi maanguddoonni naannoo keenyaa kakahumsaafi quuqama naannoofi biyya misoomteefi badhaate arguuf qabdaniin hojii tajaajila lammummaatiif of qopheessuu keessan dinqifannaa addaatiin ilaalla.
 
Ejjennoo, “Aramaa ni buqqisna, biqiltuu Harka keenyaan dhaabne ni kunuunsina!” Jedhuun hojiin tajaajila Lammummaa Sanbataafi Dilbata kana raawwatamu tumsa caasaa mootummaa sadarkaan jiru hundaa kan argate ta’uu yammuun ibsu gammachuu guddaatu natti dhagahama.
 
Waan dhaabne akka guddatuufi waan hojjenne hundi firii miidhagaa akka laatu gochuu eegaluun keenya nu boonsuu qaba. Akkuma magariisummaan biqiltuu kunuunsa gahaa argatee ijatti miidhagu, hojii seenaa qabeessa kana keessatti humna ilaalcha qulqulluu qabuufi obbolummaa, wal-qixxummaafi waliin jireenya leellisu horachuufis itti fayyadamuu qabna.
 
Naannoo keenyatti biqiltuuwwan ganna darbe dhaabne kunuunsuun cinaatti, akkuma kanaan dura eegalle mana harka qalleeyyiifi maanguddootaa ijaaruu, kanneen balaawwan adda addaatiin hubaman gargaaruufi warra birmannaa battalaa barbaadan hundaaf harkaafi qalbii keenya hiixachuudhaan gammachuu miiraafi qalbii akka sassaabbannuuf dhaamuun fedha.
 
Kanuma faana, hojiin tajaajila lammummaa duudhaa Sirna Gadaafi aadaa Orom-ganamaarraa dhaalle kun waqtii filannee kan raawwannu osoo hin taane, yeroo mara nafeeffannee kan deemnuufi hojjechuu qabnu ta’uu hubattanii, galaa miiraafi qalbii keessanii yeroo maraa akka godhattanin dhaama.
 
Carraa kanaan, hojiin tajaajila Lammummaa Sanbataafi Dilbata miilanaa hojjettan kan milkiifi injifannoo akka isiniif ta’u hawwaa, kabajaafi Galata guddaa akka mootummaa Naannoo Oromiyaatti isiniif qabnu ibsuun barbaada.
 
Ob. Shimallis Abdiisaa
Pir. Bulchiinsa Mootummaa naanoo Oromiyaa
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment