Ergaa Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun dabarsan

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC ) – Ergaa Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun dabarsan.
Duraan-dursee hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan baga kabaja ayyaana Cuuphaa bara 2013 nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun fedha.
Sirni Cuuphaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti agarsiiftuu geeddarannaa yaad-qalbii ta’ee ilaalamu kun duudhaalee sabbata jaalalaa namoota walitti hidhan hedduu qaba.
Namni Uumaa biraa dhiifama cubbuufi araara argachuuf hiriyaafi Nama hundaaf dhiifama gochuu qaba. Akka barsiisa amantaatti dhiifama cubbuu argachuuf yaad-qalbii geeddarachuun cinaatti, uffata lama Kan qabu tokko isa hin qabneef kennuu, Kan beela’e beela baasuu, Kan dheebote obaasuu, Kan cabe wal’aanuufi kan rakkate gargaaruun mirkana’a.
Iyyasuus Kiristoos galaana Yoordaanositti cuuphamuun dura Yohaannis lafa onaa keessatti geeddarannaa yaad-qalbiitiif namoonni hundinuu akka cuuphaman lallabe. Haata’u malee hundi isa hin hubanne. Mootii Heroodisiin dabalatee mormiin Yohaannisirratti akka ka’uufi hidhaaf akka ga’u godhaniiru.
Ta’us, Iyyasuus yeroonsaa gahee Yoordaanositti cuuphamnaan bishaan bara Nooyi Nama balleesse deebi’ee mallattoo fayyinaa dhala namaa tahe. Abaarsi eebbatti, du’i jireenyatti, cuphuun dhiifamaan gara araaraatti geeddarame.
Barsiisa amantaa kanarraa waan gurguddaa lamatu baratama. Inni tokkoffaan namni yaada garaa isaa geeddarachuu fedhu araara buusuufi dhiifama gochuu akka qabu agarsiisa. Inaaffaafi weennoorraa walaboomuun hollaafi obbolaa isaatiif yaaduu akka qabu barsiisa.
Haxxummaa dhiisuun gaarummaa baay’isuun furmaata ta’uu hima. Kun ammoo jaalala kan babal’isu, obbolummaa kan guddisuufi waliif na’uufi yaaduu Kan jajjabeessu waan ta’eef ijaarsa biyyaafi ummataa keessattis meeshaa murteessaa ta’ee tajaajiluuf humna guddaa qaba.
Ergaa lammaffaan barsiisa amantaa kanarraa fudhannu ammoo yaad-qalbii geeddarachuun of jijjiiruu bira darbee hojii qabatamaa dirmannaa warra rakkataniif taasifnuun kan mirkanaa’u ta’uu isaati. Namni tokko hanga fedhe yaada garaa isaa yoo geeddarate, obboloota rakkina adda addaa keessa jiraniif ho’a yoo hin agarsiifne akkasumaan kan dadhabu ta’uu ibsa.
Barsiisni amantaa kun duudhaa obbolummaa, kan jaalalaafi tajaajiltummaa keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisuuf humna guddaa qaba. Hidhata waliin jireenyaa keessatti wal amantaafi jaalala dagaagsuuf, sirna tajaajilaa keessatti ammoo Amanamummaa guddisuuf kan nu gargaaruu dha.
Kanaafuu, carraa kanatti fayyadamee wayita ayyaana guddaa kana waliin kabajnu, duudhaalee gurguddoo kaneenitti fayyadamnee ilaalchotaafi gochoota obbolummaa qancarsan hunda maseensuuf akka hojjennun dhaama. Dabalataanis, duudhaa waaliif dirmannaa keenya caalmaatti cimsachuun imala badhaadhinaa eegalle milkeessuuf tattaaffii ol’aanaa gochuu qabna.
Ayyaanni Cuuphaa sirna hordoftoota amantaa Kiristaanaa qofa biratti yaadatamu ta’uu bira darbeera. Tuuristoota keessaafi alaa hawwachuudhaan duudhaa waloomaa hedduu gumaachaa jira. Madda galiifi carraa hojii lammuileef kan uumu ta’uus qabatamaan argaa jirra. Kanaafuu, sirnicha kunuunsuufi eeguudhaan caalmaatti irraa fayyadamuuf hojii hunda keenyaa kan barbaadu ta’uu carraa kanaan dhaamuun fedha.
Xumurarrattis, ayyaana Cuuphaa bara kanaa wayita kabajannu waliif yaaduufi wal-tumsuun cinaatti, Gammachuu yeroo gabaabaatiif jecha fayyaafi jireenyi maatii keenyaa akka hin goolamneef tatamsa’ina COVID-19 ittisuuf of eeggannoo barbaachisu hunda gochuu akka qabnu yaadachiisuun barbaada.
Kanaafis, akkuma dhangaa mana keenyaa waliin qooddannee soorachuu amaleeffanne, meeshaalee tatamsa’ina COVID-19 ittisuuf gargaaran waliif gumaachuun nagaafi gammachuu akka waliin qooddannu irra deebiinan dhaama!
Ayyaana nagaa, Kan obbolummaafi milkaa’inaa isiniif haata’u!
Preezdaanti Shimallis Abdiisaa
Amajjii 2013
Finfinnee
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment