Erga waraana Raashiyaa fi Yuukireenii Putiinii fi Shi Jiinpiingi yeroo jalqabaaf walarguufi

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutinii fi Pireezidaantiin Chaayina Shi Jiinpiingii torbee dhufuu Uzbeekistinitti kan gaggeeffamuu yaa’ii Dhabbataa Waaltaa’insa Shaangayirratti walargu jedhamee eegama.

Angaa’oonnii lameen Fulbaana 15 fi 16, yaa’ii gaggeefamuu cinaatti dhimmoota waloorratti akka mari’atan Ambaasaadarri Chaayinaa Andiree Deniisoshi midiyaaleef ibsaniiru.

Raashiyaa fi Chaayinaan qeeqaa fi qoqqobbii biyyoota Lixaa mormuun walta’insa dinagdee isaanii cimsachuu ragaaleen ni argisiisa.

Keessumaa yeroo dhiyoo as Raashiyaan hariiroon Ameerikaa fi deeggartoota ishee waliin qabdu laafaa dhufuu Aljaziiraan gabaseera.

Hariroon Chaayinaaf Ameerikaan qabdus ‘dangaa kan hinqabne‘ irraa gara michummaatti guddachuun gabaafameera.

Raashiyaan sarara Gaazpiroomiin Chaayinaaf boba’aa dhiyeessuu fi kaffaaltii isaas sharafa Chaayinaa Yuuwaanii fi sharafa Raashiyaa Ruubliin raawwaachuuf Kibxata dheengaddaa walii galteerra ga’aaniiru.

Raashiyaan murtee kana murteessuun ishee erga waraana Yuukireenii as hirkattummaa sirna kaffaltii Doolaara Ameerikaa hir’isuu fi fayyadamuu dhiisuuf akka ta’e ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment