Erga Iiraan buufata loltootaa Ameerikaa irratti haleellaa raawwattee booda gatiin boba’aa dabaluun ibsame

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Erga Iiraan buufata loltootaa Ameerikaa lama irratti haleellaa raawwattee booda gatiin boba’aa dabaluun isaa ibsameera.
 
Haaluma kanaan boba’aan hin calalamne Barmiilii tokko irratti %1.4 dabalee jira.
 
Yeroo ammas Baha Giddugaleessatti Barmiiliin tokko Doolaara 69.21tti gurguramaa jira.
 
Bifuma walfakkaatuun sababa tasgabbii dhabuu Baha Giddugaleessatiin gabaan Aksiiyoonii idila addunyaa gadi bu’ee jira.
 
Walbittaan Niikeelii Jaappaan 225 %1.3, Seeng Hoong Koong Haang ammoo %0.8 gadi bu’eera.
 
Iiraan tarkaaffiin fudhadhe ajjeechaa Jeneral Soleemaanii haloo ba’uufi jettee jirti.
 
Maddi:-BBC
Comments (0)
Add Comment