Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Emireetonni Araba Gamtoomanii fi Ministeerri Fayyaa walharkaa fuudhinsa Ambuulaansiiwwan 50 taasiisaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun deeggarsa kana fuudhaniiru.
Dooktar Liyaan deeggarsa taasiifamee maqaa Ministeera Fayyaa fi Mootummaa Ityoophiyaatiin galateeffataniiru.
Mootummaan Emireetota Araba Gamtoomanii Ityoophiyaa waliin hariiroo bara dheeraa qabaachuu Ityoopiyaatti ambaasaaddarri Emireetoota Araba Gamtoomanii Mahammad Alrashiid ibsaniiru.
Gara fuulduraas deeggarsuchi kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.