Emereetoonni Araba Gamtoomanii ijaarsa Giddugala Maanguddootaaf deeggarsa akka taasistu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Emereetoota Araba Gamtoomanii Muhaammad Saaliim Al Raashiid waliin mari’ataniiru.

Dooktar Ergoogee Tasfaayeen, giddugala wal’ansaa, madda galii fi tajaajila hundagaleessaa manguddootaaf ooluu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru.

Giddugala sadarkaa isaa eeggate ijaaruuf hojiin dizaayinii xumuramuun hojiitti galamuu eeruun, ijaarsichaf Emereettoonni Arabaa Gamtoomanni deeggarsa akka taasisuuf gaafataniiru.

Ambaasaaddar Muhaamad Saaliim Al Raashid gamaasaaniin, mootuummaan Itiyoophiyaa giddugala manguddootaa ijaaramuuf biyyi isaanii deeggarsa kan taasistu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan manguddoota dabalatee kutaalee hawaasaa rakkoolee garaagaraaf saaxilaman jireenya isaanii jijjiruuf hojiilee hojjechaa jiru Ambaasaaddarichi dinqisiifachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment