Embaasiin Chaayinaa manneen barnoota Bultii Addaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaatti Embaasiin Chaayinaa manneen barnootaa Bultii Adda Naannoo Oromiyaaf deeggarsa taasiseera.

Embaasichi hojii baruu fi barsiisuu Naannoo Oromiyaa deeggaruuf manneen barnootaa Bultii Addatiif Taableetii gumaacheera.

Deeggarsicha Itti Gaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktarr Abdulaaziiz Daawud fi Embaasii Chaayinaatti Gorsaan Ministeera Dhimma diinagdee fi daldalaa Dooktar Yaangi Yihaangi wal harka fuudhiinsa taasisaniiru.

Deeggarsi guyyaa har’aa taasifamees barattoonni baruumsa isaanii teeknoloojiidhaan deeggaramuun hordofuun kaayyoo isaanii milkeessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu ibsamuu ragan BKO irra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment