Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee diingdee tumsuuf labsii eksaayz taaksii haaraan qaraxaa fi taaksiif hi’irna taasisuu beeksisan.
Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanach labsii eksaayz taaksi ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin Eksaayz taaksiin dabaleera jechuun gabaarratti gatii dabaluun sirrii miti jedhaniiru.
Fooyya’insichi diinagdee tumsuu fi hawaasarra dhiibbaan akka hin geenyeef kan yaadamedha jedhan.
Oomishaa fi oomishtummaa guddisuun kutaa diinagdee qonnaa deeggaruun eksaayzii fi oomishoota taaksirraa bilisa ta’an jiraachuurra darbee omishoota gara alaatti ergaman sharafa biyyaa alaa kan argamsiisaan qodaarra taa’ee kan ture eksaayz taaksii %150 guutumaatti akka ka’u ta’eera jedhan.
Tajaajila teelee kominikeeshinii waliin kan walqbatu eksaayz taaksiin akka irra hin teenye ta’eera jedhan.