Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa dhimma Hidha Haaromsaarratti hoggantoota Paartilee siyaasaa waliin marii taasiiseera.
Ejjennoon Sudaanii fi Gibtsi imaammata itti fayyadama Hidha Haaromsaatti qabatan seera idil addunyaa kan faalleessu ta’uu Gorsaan qabeenya Daangaa Ce’aa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Ibraahiim Idiriis ibsaniiru.
Ambaasaaddar Ibraahiim Idiriis marichaaf barreefama ka’umsaa dhiyeessaniiru.
Ejjennoon biyyoota lamaanii mirga itti fayyadama qabeenyaa Uumamaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa kan uumudha jedhan.
Gibtsi waggoota 150 dura iddoo madda Laga Abbayyaa naannoo Xaanaa Humnaan qabachuuf yaalii taasiftee turuu eeraniiru.
Yeroo ammaas heera Mootummaa ishee hojiirra jiruun Gibtsi seenaan yaa’a laga abbayyaa gara gadiirratti abbaa ta’uu ifatti keechee jirti.
Gama biroon dhiibbaa idil addunyaa uumuun Ityoophiyaan lagicha misoomsuuf liqii fi deeggarsa akka hin argannee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ejjennoon biyyoota lamaanii ijaarsa Hidha Haaromsaarratti qofa osoo hin taane Bishaan laga Abbayyaa dhuunfaan fayyadamuuf imaammata qabatan ta’uu fi adeemsi kun ammoo seera idil addunyaa kan faalleessu ta’uu Ambaasaaddar Ibraahiim ibsaniiru.
Sudaanii fi Gibtsi haala waqtaawaa Ityoophiyaa keessa jirutti fayyadamuun tasgabbiin biyya keessa akka hin jiranne dhiibbaawwan garaagaraa uumaa jiraachuu dubbataniiru.
Milkaa’ina ijaarsa hidha haaromsaarratti lammiileen Ityoophiyaa hundi garaagartee malee tokkummaan dhaabbachuu akka qaban gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.