Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Ejjennoon Manni Maree Nageenyaa eda galgala qabate hanqina jiru waliin hanga tokko dhugaa Ityoophiyaa kan hubate ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.
Walga’ii Manni Maree Nageenyaa kaleessa galgala dhimma Ityophiyaarratti gaggeesseerratti ejjennoon biyyoonni Miseensa Mana marichaa qabatan hanga tokko dhugaa Ityoophiyaa kan hubate ta’uu Ambaasaaddar Diinan Himaniiru.
Raashiyaa, Chaayinaa, Hindii fi Keeniyaan ejjennoo Ityoophiyaa deeggaru agarsiisuu himaniiru.
Biyya tokkoon ala ejjennoon biyyoonni biroo agarsiisan gaarii kan ture ta’uu kaasaniiru.
Ameerikaan Ejjennoon garee Shororkeessaa ilaalchisee qabattee turte hanga tokko jijjiiraa jiraachuu himaniiru.
Yaadni ka’es hedduun isaa roga gaariin kan fudhatamu ture jedhan.
Biyyoota ejjennoo cimaan Ityoophiyaa cinaa dhaabbatan galateeffataniiru.
Maddi:-DhPI
keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.