Ejjennoo mootummaan Ityoophiyaa nageenyarratti qabu kan deeggaramudha- Israa’el

Finfinnee, Hagayya 28, 2014(FBC)- Ejjennoo cimaa mootummaan Ityoophiyaa nagenyarratti qabu kan deeggaramu ta’uu Raayyaa Ittisaa Biyyaa Israa’elitti hogganaan dhimmoota Afrikaa Koloneel Aviizeer Seegaal dubbatan.

Israa’elitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Rattaa Alamuun Raayyaa Ittisaa Biyyaa Israa’elitti hogganaa dhimmoota Afrikaa Koloneel Aviizeer Seegaal waliin haala yeroo Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT waamicha nageenyaa mootummaan irra deddeebiin dhiyeesseef cinaatti dhiisuun yeroo sadaffaaf waraana banuu Ambaasaaddar Rattaan ibsaniiru.

Qaamoleen mootummaa Israa’el dhimmicha akka hubatan, adeemsi nageenyaa akka itti fufuuf  deeggarsa akka taasisaniifi gochaa garee shororkeessichaa akka balaaleffatan gaafataniiru.

Hariiroon seena qabeessa biyyoota lameenii damee raayyaa ittisaan akka cimuuf gama mootummaa Ityoophiyaa fedhiin jiraachuu beeksisaniiru.

Koloneel Aviizeer Seegaal gamasaaniin, dhimmicha hordofaa jiraachuufi ejjennoo cimaa mootummaan Ityoophiyaa nageenyaaf qabu kan deeggaramu ta’uu ibsaniiru.

Hojii mootummaan Ityoophiyaa birmadummaa biyyaafi nageenya uummataa kabachiisuuf hojjechaa jiru kan hubatan ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

ABUT yeroo sadaffaaf waraana banuun gocha gaddisiisaa ta’uu eeruun, waraana garichi lammiilee nagaarratti haleellaa geessisuuf bane kan balaaleffatamu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment