Ejensiin Geejjiba Oromiyaa fi Dhaabbileen Leenjii Konkolaachistootaa Barattoota Harka qalleeyyiif baajaajii 27 kennan

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Ejensiin Geejjiba Oromiyaa fi Dhaabbileen Leenjii Konkolaachistootaa Barattoota Harka qalleeyyiif baajaajii 27 kennuu ibsame.

Baajaajonni kunneen deeggarsa maallaqaa abbootii qabeenyaa tola-ooltotaarraa waliti qabame Birrii miiliyoona 9 oliin bitamuun ibsameera.

Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa obbo Jamaal Kadir, Dhaabbileen Leenjii Konkolaachistootaa 234 naannoo Oromiyaa keessa jiraachuu eeruun, kanneen keessaa 189 hojii tajaajila lammummaa keessaatti adda durummaan hirmaachaa jiraachuu ibsuusanii OBN gabaaseera.

Barattoonni harka qalleeyyii 840 ol leenjii Ogummaa Konkolaachisummaa fudhachuus himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment