Ejensichi Ministeera Fayyaaf deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Ejensiin Waltiinsa Idil Addunyaa Kooriyaa Ministeera Fayyaaf deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Deeggarsi taasifame du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuu fi fayyaa isaanii fooyyessuuf kan oolan ta’uu eerameera.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fuuchuu ragaan Yuuniiseef Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen deeggarsaa kunneen naannolee Affaariifi Beenishaangul Gumuziif kan raabsaman ta’uu sirna wal harkaa fuudhiinsa isaarratti ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment