Ejansiin nageenya Odeeffannoo Raayyaa Ittisaa adda waraanaa walsoof deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Ejansiin nageenya Odeeffannoo saaybarii hanga adda waraanaa mata duree jedhuun Raayyaa Ittisaa adda waraanaa walloof deeggarsa taasiiseera. 
Daayreektarri Ejansii nageenya Odeeffannoo Dooktar Shumatee Gizaw adda waraanaa wallootti argamuun deeggarsicha laataniiru.
Raayyaan Ittisaa fi Ejansiin nageenya Odeeffannoo dhimmoota adda addaarratti waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hawaasni waan danda’u hundaan akka isaan hordofan waamicha dhiyeessan hordofee ejansichi mata duree ‘Saaybarii hanga Adda waraanaa’ jedhu bocuun gara hojiitti galuu Dooktar Shumateen himaniiru.
Ejansichi birmadummaa Diijitaal Ityoophiyaa eegsisuuf hojii olaanaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Hoggansii fi hojjettoonni ejensichaa baatii sadiif itti fufiinsaan Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomuu ibsaniiru.
Ejansiin nageenya Odeeffannoo Lammiilee sababa walitti bu’iinsaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Dabra Birihaan qubatanii jiraniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasiisuu ragaan fuula ejansichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment