Ejansiin Dhiyeessii Qorichaa Biyyaalessaa meeshaaleen vaayrasii koroonaa sakatta’uufii yaaluuf gargaaran rabsaa jira

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Ejansiin Dhiyeessii Qorichaa Biyyaalessaa meeshaaleen vaayrasii koroonaa sakatta’uufii yaaluuf gargaaran kan Jaak Maa Inisheetiivii irraa deeggarsaan argame raabsamaa akka jiru beeksise.

Ejansichi gaaffii Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin, meeshaaleen vaayrasii koroonaa sakatta’uufii yaaluuf gargaaran kan Jaak Maa Inisheetiivii irraa deeggarsaan argame raabsamaa akka jiru beeksiseera.

Ejansiin Dhiyeessii Qorichaa Biyyaalessaa akka beeksisetti meeshaaleen raabsamaa jiran kun deeggarsa marsaa duraan kan argamanidha.

Meeshaaleen kunis sakatta’iinsa vaayrasii koroonaaf kan oolan kiitota kuma 20 fi 89,haguuggii funyaanii fi afaanii kuma 47fi 950,uffata pilaastikaa vaayrasicha ittisuu oolu kuma 1fi 100fi kanneen birooti.

Raabisi amma gaggeeffamaa jiru kun gaaffii Iinistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasummaa gaaffii dhiyeesse irratti hundaa’uun akka ta’es Ministeerri Fayyaa beeksisee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment