Ejansichi lammiilee naannoo Afaarii buqqa’aniif deeggarsa birri miiliyoona 5 taasiise

Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Ejansiin Nageenyaa odeeffannoo naannoo Afaariiti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasiiseera.

Deeggarsichi maqaa hoggansaa fi hojjettoota ejansichaan kan taasiifame ta’uu Daayreektarri Ejansii Nageenyaa Odeeffannoo Dooktar Shumatee Gizaw ibsaniiru.

Dooktar Shumatee Gizaw deeggarsicha preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf laataniiru.

Deeggarsi taasiifame lammiilee kanneen deebisanii dhaabuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Ejansii Nageenyaa Odeeffannoo irraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment