Ejansichi Kurmaana jalqaba waggaatti kappitaala Birrii biiliyoona 12.5 kan galmeessaan invastaroota diyaaspooraa 336f tajaajila deeggarsa kenne

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Kurmaana jalqaba waggaatti kappitaala Birrii biiliyoona 12.5 kan galmeessaan invastaroota diyaaspooraa 336f tajaajila deeggarsa kennuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.

Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa gamaaggama raawwii hojii kurmaana jalqaba waggaa bara baajata 2013 magaalaa Bishooftuuttu gaggeesseera.

Wayita kana invastaroota diyaaspooraf tajaajila deeggarsa kennuurra darbee diyaaspoorotni 825 akkaawuntii sharafa alaa akka banatan taasisuun Doolaara miiliyoona 1 ol akka taa’uu taasisuu eerameera.

Diyaaspooraa qindeessuun ijaarsa hidha haaroomsa guddicha Ityoophiyaaf Birrii miiliyoona 32 ol, maaddii biyyaaf Birrii miiliyoona 16 ol akkasumaas ittisa vaayrasii koroonaaf Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 94 walitti qabuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment