Ejansichi horsiisee bultoota Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa daakuu kuntaala kuma 4fi 70 taasiise

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) –Ejensiin dhiheessa qorichaa Federaalaa horsiisee bultoota Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa daakuu kuntaala kuma 4 fi 70 gumaacheera.
Deeggarsa kana keessaa jiraattoota Magaalaa Mooyaleetiif daakuu kuntaala 130 kennameera.
Bulchaan Aanaa Mooyyalee,Obbo Jirmaa Bilisoo deeggarsa taasifamee kana galateeffachuun rakkoo bonaa cimtuu ta’uu eeran.
Itti gaafatamaa Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Godina Booranaa obbo Guyyoo Carfii, rakkoo bonaa hammaachaa jiraachuu himaniiru. Rakkoo jirtu cimtuu waan taateef ammas xiyyeeffannaa cimaa barbaada jedhan.
Daayreektarri Dhiheessii Qorichaa Federaalaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloo, deeggarsi eegalame kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment