Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhiyeessi iyyannoo mirkaneessa qabiyyee lafaa guyyaa boruu kan xumuramu ta’uu Ejansii Galmeessaa fi Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa magaalichaa yaadachiiseera.
Itti aanaan daayreektara olaanaa Ejansichaa Injinar Jamaal Hajii akka ibsanitti, iddoowwan qabiyyee lafaaf filataman 25 fi qabiyyeen lafa gandoota 112 keessatti argaman abbootiin qabiyyee iyyannoo naaf haa mirkanaa’uu dhiyeessaa jiru.
Ejansichis iyyannoo mirkaneessa qabiyyee lafaa Eebila 20 fuuchuu erga eegaleerraa kaasee guyyoota hojii 6’n darbaniif abbootiin qabiyyee iyyannoowwan kuma 1 fi 300 ol dhiyeessuu ibsaniiru.
Adeemsi iyyannoo fuuchuus hanga Caamsaa 5 qofatti akka turu ibsameera.
Abbootiin qabiyyee iddoowwan filatamanii fi gandoota keessatti argaman ragoota waraqaa eenyummaa isaanii ibsu, Paaspoortii, eeyyamaa konkolaachisummaa fi kanneen barbaachisaan dameewwan waajjiralee kutaan magaalaa qopheessanitti iyyannoo isaanii akka dhiyeessan wamichi darbeera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.