Egzibiishinii Tuuriizimii Idil Addunyaa Barliinirratti Itiyoophiyaan hirmaachaa jirti

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)-Egzibiishinii Tuuriizimii Idil Addunyaa Barliin Jarmanitti waggaa waggaan gaggeeffamurratti Itiyoophiyaan hirmaachaa jirti.

Egzibiishinichi dhaabbileen Tuuriizimii bebbeekamoo fi biyyoonni, bakkeewwanii fi tajaajiloota tuuriizimii isaanii kan irratti beeksisan ta’uun eerameera.

Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin Itiyoophiyaan damichaaf xiyyeeffannaan kennuun hojiilee hojjechaa jirtu beeksisaniiru.

Keessumaa misooma bakkeewwanii fi hawwata tuuriizimii dhiyeenyaa as gaggeeffaman beeksisaa jiraachuun eerameera.

Dabalataan dhaabbilee idil addunyaa hirmaattota waltajjichaa waliin mari’achuun ibsameera.

Egzibiishinicharratti Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa dabalatee dhaabbileen tajaajila Tuuriizimii biyya keessaa hirmaachaa jiru jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment