Egzibiishinii fi baazaarii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffaman irraa galiin Birrii miiliyoonni 27.9 argamuu eerame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) Ejensiin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee guyyoottan darbanitti  Egzibiishinii fi baazaarii akka magaalichaatti gaggeeffaman irraa galiin Birrii miiliyoonni 27.9 argamuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaa Ejensichaa Obbo Gizaawu Alii, egzibiishiniifi baazaarii qophaa’erratti qaamoleen garagaraafi dameewwan hojii gamtaa naannolee 6 fi Magaalaa Finfinnee waliin hariiroo kallattii qaban irratti hirmaachuu ibsaniiru.

Oomishaalee garaagaraa beeksisuu, oomishaalee qonnaa, indaastirii fi bu’aaleen ogummaa harkaa gatii madaalawaadhaan gabaaf dhiyaachuu himaniiru.

Gatiin gabaa magaalattiis tasgabbaa’uu akka danda’e eeruu isaanii ragaan Ejensicharraa argame ni mul’isa.

Eejensichis egzibiishinii fi baazaarii akka magaalattiitti qophaa’erraa galiin Birrii miiliyoonni 27.9 argamuu daariktarichi himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment