Eeruun komishinaroota Komishinii marii biyyaalessaa eegale

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Eeruun komishinaroota Komishinii marii biyyaalessaa eegaleera.

Eeruun kun guyyaa har’a irraa kaasee hanga Amajjii 6, 2014tti kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Haala kenniinsa eeruu kanaa ilaalchisee Af Yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa obbo Taaggasaa Caafoon ibsa laataniiru.

Marii biyyaalessaa Ityoophiyaa bu’uura cimaarra dhaabuu furtuu ta’e milkeessuuf komishinaroonni 11 kan muudaman ta’uu eeraniiru.

Milkaa’ina marichaaf Ityoophiyaanonni dammaqinaan hirmaachuu akka qaban himaniiru.

Adeemsi filannoo komishinarootaa baatii 1 fi guyyoota 15 keessatti kan xumuramu ta’uu ibsaniiru.

Bu’a qabeessummaa isaaf koreen gorsituu Af yaa’ii mana marichaa, Preezdaantii Mana Murtii FDRI, Af Yaa’ii mana maree Federeeshinii, Barreessaa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa fi dhaabbilee siiviilii haammate hundaa’uu himaniiru.

namoota marichi bu’a qabeessa taasisuu danda’an guyyaa har’aa irraa eegalee eeruun akka danda’amu ibsaniiru.

Unki eeruus weebsaayitii mana marichaarratti kan argamu ta’ii himaniiru.

Afwarq Iyyaayyuu fi Yashawaa Maasrashaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment