Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Eertiraa waliin faayidalee waloo bu’uura godhachuun tumsaan waliin hojjechaa jirra jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.
Obbo Dammaqaan, Ityoophiyaan biyyoota olla waliin hariiroo gaarii qabaachuu gabaasa raawwii karoora baatiwwan 9 darbanii Ministeera Dhimma Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeesan irratti eeraniiru.
Eertiraa waliin faayidaale waloo buureffachuun tumsaan waliin hojjechaa jiraachuu eeruun, hariiroo biyyoota lameenii gara tumsa diinagdee cimaatti ceesisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Walitti hidhamiinsa misoomaa fi bittaa fi gurgurtaa biyyoota olla waliin jirurrattis obbo Dammaqaan ibsa laataniiru.
Hariiroon seena qabeessi Ityoophiyaa fi Keeniyaa yeroo ammaas haala gaariin itti fufee jiraachuu dubbataniiru.
Haala nageenyaa daangaa biyyoota lameenirraa, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa akkasumas hariiroo daldalaa fi diinagdee cimsuurratti waliigalteen mallatteeffamee adeemsarra jiraachuu addeessaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.