Eenzoo Maareeskaan leenjisaa Cheelsii ta’an

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Lammiin Xaaliyaanii Eenzoo Maareeskaan leenjisaa Cheelsii ta’uun mallattoo isaanii kaa’an.
Cheelsiin jijjiirraa Eenzoo Maareeskaaf Yuuroo miiliyoona 10 kan kaffalu ta’uu eerameera.
Ga’eessi umrii waggaa 44 Eenzoo Maareeskaan hanga Bara Faranjootaa 2029tti kilabicha leenjisuuf mallatteessaniiru.
Eenzoo Maareeskaan leenjisaa Leesister Siitii kan turan yoo ta’u, Kilabicha gara Piriimeer Liigiitti deebisuun kan yaadatamuudha.
Comments (0)
Add Comment