Eelaan Maask dhaabbata Twiitara Doolaara biiliyoona 44’n bitan

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Abbaan Qabeenyaa Afrikaa Kibbaa Eelaan Maask dhaabbata Twiitara Doolaara Ameerikaa biiliyoona 44 kan dhuunfaa isaanii taasifataniiru.

Adeemsi bittaa fi gurgurtaa abbaa qabeenya addunyaa tokkoffaan Twiitara boordii daayreektaroota abbootii Aksiyoonoota kan dhiyeessaan doolaarri biiliyoonni 44 fudhatama argachuun Twiitara kan dhuunfaa isaanii taasisuu danda’aniiru.

Abbaa qabeenyichaa bittaa fi gurgurtaasaa ilaachisuun ibsa laataniin, ‘‘walabummaa yaada dhiyeessuun bu’uuraa deemokaariisiiti, Twiitarri ammoo addaabaabaayii magaalaa Diijitaalaa dhalli namaa yaadasaattiin ibsatudha’’ jedhaniiru.

Twiitara appilikeeshinoota haaraan fooyyeessuu fi amanamummaa akka qabatu taasisuuf kan yeroo kamiiyyuu caalaa ammayyeessuuf na hojjedhaas jedhaniiru.

Eelaan Maask kalaqaa fi abbaa konkolaattoota  Elektirooniksii Teelaasii fi taaksii Ispees Eksiiti jedhameera.

Maddi:-RT

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment