Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC)- Eejensiin Nageenyaa Odeeffaannoo qorannoo Siitii-Neetii fi Ismaart Sarviis Deeliivaar hojiirra oolchuuf Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii waliin waliigaltee mallateesseera.
Daayreektarri olaanaan Eejensichaa Dooktar Shumatee Gazaw, eejensichi nageenya saaybarii biyyatti mirkaneessuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Yeroo amma kanas Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii waliin sanada waliigaltee kan mallateesse kanumaa yaada keessaa galchuunii jedhaniiru.
Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad gama isaaniitin, ministeerichi magaalotaa ammayyoomsuuf hojiiwwan hedduu eegaluu ibsaniiru.
Bu’uurama waliigaltichaan biyyattitti kan argaman magaaloota 117 qorannoo Siitii-Neetii fi Ismaart Sarviis Deeliivaar waliin ga’uuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Eejensicharra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.