Eejansiin dhiyyeessa qorichaa Doolaara miiliyoona dhibba 2n meeshaalee yaalaa bituufi jedhame

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Eejansiin Dhiyyeessa Qorichaa Ityoophiyaa meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolan Doolaara miiliyoona dhibba 2n bittaa raawwachuuf akka ta’e ibsameera.

Itti aanaan daayreektera olaanaa Eejansichaa obbo Tasfaa’alem Adiraaroo akka ibsanitti, Eejansichi weerara vaayrasichaa ittisuuf dhaabbilee fayyaaf meeshaalee yaalaa dhiyeessuurratti argama jedhan.

Eejansichi bittaa idilee raawwatu dabalataan bittaa ariifachiisaa ni raawwata jedhan.

Maddi:-TOI

Comments (0)
Add Comment