Eejansichi agoobaroota miiliyoona 3.1 bituun rabsaa jirra

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Eejansiin Dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa agoobaroota miiliyoona 3.1 rabsuu eegaluu isaa beeksiseera.

Eejansichi agoobaroota birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 87 oliin bituun rabsaa jira.

Dhaabbata ‘Keemooniiks’ jedhamu waliin ta’uun naannoolee sadiif hojiin agoobara rabsuu eegalamuu eejansichatti daayreektooreetiin daayreektara rabsa qorichaa, meeshaalee tajaajila yaalaa fi bulchiinsa qajeelcha konkolaattoota obbo Ahimaad Kadir himaniiru.

Keemikaalli Agoobara tokkoo waggaa 3 qofa kan taajilu ta’uu ibsaniiru.

Sababa kanaan agoobaroota waggoota 3 dura rabsaman jijjiiruuf hojiin rabsaa gaggeeffama jira jedhan obbo Ahimaad.
Torbee darbee eegaalee Naannoo Ummattoota Kibbaatti, Godinaalee Sagan, Walaayittaa, lixa Oomoo, Shakkaa fi Gaamoo Goofaatti rabsamaa akka jiru himaaniiru.
Rabsu kan marsaa jalqabaa ta’uu isaa ibsuun, yeroo itti aanu naannoo kibbaa, Beeniishaangul Guumz fi Gaambeellatti rabsuun itti fufa jedhan

 

 

Comments (0)
Add Comment