Eegaan Warraaqsa Iraan meeshaaleen elektirooniksii Peejar fi Wakii jedhaman hojiirra akka hin oolle dhorke

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Eegaan Warraaqsa Iraan miseensonni warraaksichaa meeshaalee elektirooniksii Peejar fi Wakii jedhaman akka hin fayyadamne dhorkeera.

Raadiyooniin Qunnamtii dhohuun Hoggantootaa fi Hidhattoota garee Hezboolaarra miidhaa qaqqabsiisuu hordofee Iraan murtoo kana dabarsuu ibsameera.

Eegaan Warraaqsa Iraan Meeshaalee quunnamtii Elektirooniksii biyya keessa, Chaayinaa fi Raashiyaatti oomishamanitti fayyadamaa turuu aanga’aa Olaanaan Nageenyaa Iraan tokko ‘Reuters’tti himaniiru.

Namoonni Israa’eeliif hojjetan Iraan keessa seenuun Nageenya biyyattiif sodaa ta’uu waan malaniif hojiin meeshaalee kanneen sakkatta’uu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sakattoon hoggansa Eegaa Warraaqsa Iraanirratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiruu dubbataniiru.

Lakkoofsi Herreega Baankii biyya keessaa fi alaa, seenaan imala isaanii fi maatii sirnaan sakatta’amaa jiraachuu aanga’aan kun himaniiru.

Libaanoositti Meeshaaleen Qunnamtii Elektirooniksii miseensonni Hezboolaa itti fayyadamaa turan Peejarii fi Wakii Tookii jedhaman dhohuun miseensota Hezboolaa 12 dabalatee lubbuu namoota 39 galaafchuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment