Eebbifamoo Abunee Marqooreewoos umrii isaanii guutuu Mana Amantaa kiristaanaa Ortodooksii amanamummaan tajaajilaniiru-MM Abiy

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC)- Eebbifamoo Abunee Marqooreewoos abbaa carra qabeessaadha, umrii isaanii guutuu Mana Amantaa kiristaanaa Ortodooksii amanamummaan tajaajilaniiru jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biroon sirna gaggeessaa reeffa Eebbifamoo Abunee Marqooreewoos addabaabaayii Masqalaatti argamuun ergaa dabarsaniiru.

MM Abiy Ahimad ergaasaaniin, abbaan keenya Eebbifamoo Abunee Marqooreewoos akka abbaa gariidhaa fiigichasaanii xumuruun kan jaallataan gara abbaa isaanii deemaniiru jedhan.

Akkasumas abbaa carra qabeessaadha, umrii isaanii guutuu Mana Amantaa kiristanaa Ortodooksii amanamummaan tajaajilaniiru jedhan.

Abbaan keenya kadhataa fi gorsaa nu deeggaraa turan kan jedha MM Abiy Ahimad, yaada isaanii irra deddeebiin barreesanii na ergaa turaniirus jedhan.

Abbaa keenyarra kan barannu hordooftoonni amanticha sirnaa fi eenyummaa Ortodoksiii labataaf ceesisuun walitti bu’iinsa walii waliinii keessaa baanee hafuura tokkomeen hojjechuu qabna jedhaniiru.

Yeroo amma kun yeroo kadhataa ta’uu kan himan MM Abiy, amantoonnis nageenya Ityoophiyaa fi abbaa keenyaaf boqonnaa akka kadhataaniis himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment