Eebbifamaa Gulaantaa Olaanaa Qaro Dhabeessaa fi Qaama Miidhamaa

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Wagaayyoo Waraajoo Yuunivarsitii Finfinneetti Muummee barnootaa Afaan Amaaraa, Ogbarruu fi Fooklooriin digirii jalqabaan eebbifameera.

Wagaayyoon, qaro dhabeessaa fi qaama miidhamaa ta’us, dargaggeessa kennaa hedduu qabuu fi tattaafataadha.

Wagaayyoon, imalli barnoota isaa qormaata heddummaatu injifachuun gulantaa olaanaan Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifameera.

Qormaanni mudateen waggoota hedduuf barnootarraa akka fagaatu taasisus mul’ata isaa milkeessuuf gara barnootaatti deebi’uun, qabxii olaanaan barnoota isaa xumureera.

Eebbifamaan digirii jalqabaa kun akka jedhutti miira hindanda’amuu fi hinta’uu cabsuun yoo danda’ame, wanti hindanda’amne hinjiru.

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota muummeewwaan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture har’a eebbisiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment