Duumeessa samii keessatti kuufame gara Roobaatti jijjiiruun danda’ameera – Dooktar Abiy

Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 ( FBC) – Duumeessa samii keessatti kuufame teeknooloojii fayyadamuun gara Roobaatti jijjiiruun danda’amuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dooktar Abiy walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataarratti gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif wayita deebii laatan Duumeessa samii keessatti kuufame gara Roobaatti jijjiiruun danda’ameera jedhan

Roobni torbee darbe Kaaba biyyattiitti roobe Rooba uumamaa osoo hin taanee teeknooloojiin Rooba roobeedha jedhan.

Teeknooloojii Artifishaal Intalejansiin babal’isuuf hojiin hojjetame bu’aa gaarii agarsiisuu ibsaniiru.

Qaama barate seektara hunda keessatti hirmaachisuun guddina biyyattii mirkaneessuun ni danda’ama jedhan.

Rakkoolee nageenyaa muudatan hir’isuuf iddoolee ijoo ta’anitti teeknooloojii artifishaal Intalajensii fayyadamuu eegalleerra jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment