Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Duulli talaallii vaayirasii koronaa marsaa 3ffaan Magaalaa Finfinneetti kennamuu eegaluu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinee beeksise.
Sirni Jalqabsiisa duula talaallii marsaa 3ffaa Kutaa Magaalaa Addisitti gaggeeffameera.
Ittigaafatamaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa akka jedhanitti, talaallicha kanneen umriin isaanii waggaa 12 ol ta’e buufataalee fayyaa fi bufaataalee yerootti har’a Waxabajjii 13, 2014 irraa eegalee kan kennamuudha.
Duulicha milkeessuuf gareen talaallii 250 hundaa’uu eeranii, talaalliichi dooziin kuma 249 qophaa’uu himaniiru.
Hanga ammaatti marsaa garagaraatiin namoonni miiliyoona 1.4 talaalamuu fi kanneen keessaa namoonni kuma 822 talaallichaa guutummaan fudhachuu himaniiru.
Marsaa 3ffaa kanaan jiraattonni magaalichaa kanneen umriin isaanii waggaa 12 ol ta’e %70-80 talaallicha ni argatu jedhaniiru.
Hawaasnis, sababa vaayirasichaan miidhaa hammaataaf akka hinsaaxilamne talaallii vaayirasichaa talaalamuu akka qabu eeruu ragaan Biiroo Fayyaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.