Duulli talaallii pooliyoo Fulbaana 27-30, 2013 akka gaggeeffamu Inistitiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) – Duulli talaallii pooliyoo Fulbaana 27-30, 2013 akka gaggeeffamu Inistitiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Inistitiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Fulbaana 27-30, 2013 duulli talaallii pooliyoo akka gaggeeffamu ibseera.
 
Duulli talaallichaa naannoo Oromiyaa, Somaalee, Kibbaa, Harar akkasumaas bulchiinsoota magaalaa lamatti kan argaman godinoota 47 fi aanota 334 ta’uu ibsameera.
 
Talaallichi daa’immaan miiliyoona 7f akka kennamu bekameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment