Duulli qulqullina naannoo fi Ispoortii waliinii gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Hoggansi sadarkaa naannoo Oromiyaa leenjii Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachaa jiran duula qulqullina naannoo fi Ispoortii waliinii taasisan.
 
Leenjitoonni magaalaa Jimmaatti leenji’aa jiran kumni 2 fi 300 jiraattoota magaalichaa waliin ta’uun duula qulqullina magaalaa fi Ispoortii waliinii taasisaniiru.
 
Hooggansi sadarkaa naannoo paartii badhaadhinaa kunneen hawaasa waliin duula qulqullinaa gaggeessuun tokkummaa keenya daraan ni cimsa jedhan.
 
Hoggansi Paartii Badhaadhiinaa buufata leenjii Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaas duula qulqullinaa magaalaa Adaamaa irratti hirmaataniiru.
 
Duulli qulqullinaa hoggantootaan gaggeeffame kunis ilaalchi tokkummaa akka dagaaguu fi hawaasnis ga’ee hojii misoomaarratti qabu akka dabalu kakaasuuf faayidaa guddaa qaba jedhame.
 
Hoggansi Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa Magaalaa Baatuutti leenji’aa jiranis hawaasa magaaliichaa waliin guyyaa har’aa duula qulqullinaa taasisaniiru jedhame.
Comments (0)
Add Comment