Duulli olaantummaaa seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’uusaatiin kutaa biyyattii hedduutti nageenyi waaraan bu’aa dhufeera-TKM

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Duulli olaantummaa seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’uusaatiin kutaa biyyattii hedduutti nageenyi waaraan bu’aa dhufeera jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii, dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi misooma idilee mootummaa fi dhimmoota bulchiinsa gaariirratti ibsa laataniiru.

Dhimmota nageenyaa fi tasgabbiin walqabsiisee ibsa laataniin, sababa humnoonni finxaaleeyyii walitti bu’iinsa uumaniif lubbuu namaa darbuu fi qabeenyaan barbada’uu hambisuuf akkasumas nageenyaa hawaasaa fi tokkummaa hunda galeessa biyyoolessaa kabachiisuuf tarkaanfiin hawaasaa hunda galeessaa hirmaachisee naannolee hunda keessatti bifa walfakkaatuun raawwatamaa jiru cimee itti fufeera jedhan.

Sosochii fi deeggarsa hawaasaatiin marfamee gaggeeffamaa kan jiru duulli olaatummaa seeraa kabachiisuu bu’a qabeessaa ta’aa dhufuun kutaa biyyattii hedduutti nageenyi waaraan bu’aa dhufuu Dooktar Laggasaan ibsichaa himaniiru.

Hojiiwwan hojjetamaa jiraniin bu’aa gaariin galmaa’uu ibsichaan kaasaniiru.

Magaalaa Goondaritti iddoo awwaalchaatti namoota muraasa giddutti waldhabdee fi bu’iinsa muudatee babaldhisuuf yaaliin taasifamee hawaasa nageenya barbaaduu fi hirmaannaa qaamolee nageenyaatiin shirichi fashalaa’eera jedhan.

Naannoo Oromiyaatti duulli garee shororkeessaa Shaneerratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufeera jedhan Dooktar Laggasaan.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment