Duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu milkiin xumurame – Ambaasaaddar Dooktar Tizzitaa

Finfinnee, Muddee 5, 2013 (FBC) – Mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeessaa ture milkiin  xumuru Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Tizzitaa Mulugeetaan ibsan.

Ambaasaaddar Dooktar Tizzitaan turtii ‘Yuunaayitiid niwus of Indiyaa’ jedhamu waliin taasiisaniin tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu xumuramee hojiin lammiilee deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu guutumaan guutuutti milkiin xumuramuu himaniiru.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisaanii dhaabuuf mootummaan Ityoophiyaa muuxxanoo qabutti fayyadamee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Hojiin mootummaa itti aanu lammiilee gara Sudaanitti baqatanii fi biyya keessatti qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment