Duulli hoteelootaa fi ga’uumsoota tuuristii barbada’aan deebisanii dhaabuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Duulli Mata duree ‘ogummaa kiyya biyyaa kiyyaaf’ jedhuun hoteelootaa fi ga’uumsoota tuuristii garee ABUT’tiin barbada’aan deebisanii dhaabuu eegaleera.

Saganticha ilaalchisee ibsa gaazixeessitootaaf laatameen preezdaantiin korpooreshinii hoteelaa fi hojiiwwan kenna tajaajila walfakkataa Dooktar Faatihii Waldasaan, kayyoon duulicha olaanaan hojii hoteeloota deebisanii dhaabuu ta’u himaniiru.

Duulichi kan uwwifamu Dabrabirhaan, Shawaaroobiit, Kamisee, Kombolchaa, Dasee, Waldiyaa, Laalibalaa, Cifraa fi Kaasaagittaa ta’uu ibsameera.

Maddi:-DHPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment