Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) –Duulli hojii Eegumsa biyyeefi Bishaanii bara 2017 jalqaba Baatii Ammajjii kan eegalu ta’uu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Bara 2017tti hojii eegumsa biyyeefi bishaaniin Suluulota kuma 6 fi 465 keesatti lafa hektaara miiliyoona 3 fi kuma 200 fi kuma 32 olirratti kan hojjetamu ta’uu Hoogganaa Itti Aanaan biirichaa Obbo Eeliyaas Kadir ibsaniiru.
Qaamolee hawaasaa Miiliyoona 9 fi kuma 800 fi kuma 28 ol hirmaachisuun hojjechuuf karoorfamuu eeraniiru.
Hojjichaaf qophiin barbaachisu xumuramuu Obbo Eeliyaas himaniiru.
Hojiin misooma Suluulaa bara kanaas Godinaalee 21, Aanaalee 294 fi gandoota kuma 6 fi 465 keessatti kan hojjetamu ta’uu dubbachuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia