Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)- Hojii barbaaddota 600 olii fi intarpiraayizoota kuma 95 ol galmeessuuf kan karoorfate duulli Galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa(E-LMIS) hojii eegalamuun ibsame.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Waasihuun Golgaa, duulichi guyyoota 45’f kan turu yoo ta’u, sosochii kanaan raawwii galmee hojii barbaaddotaa fi intarpiraayizootaa hanga ammaatti jiru gamaggamamu ta’uun ibsan.
Karoora galmee “E-LMIS” sadarkaa Naannoo Oromiyaatti qabame milkeessuuf kan karoorfame ibsaniiru.
Kaayyoon sagantichaas Mootummaan sirna odeeffannoo gabaa hojii diriirsuun qabiinsa ragaa hojii barbaaddotaa ammayyeessuun lammiileen karaa seera qabeessa ta’een carraa hojii biyya keessaa fi biyya alaa uumamurraa fayyadamoo taasisuuf ta’uu ibsaniiru.
Duulli galmee Sirna Odeeffannoo Gabaa Hojii kun marsaa duraaf godinaalee fi bulchiinsa magaalotaatti gidduugaloota 8’tti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
Sagantaa kanaanis hojii barbaaddota kuma 600 fi kuma 20 fi 400 fi intarpiraayizoota kuma 95 fi 436 galmeessuuf karoorfamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia