Duulli Dooktar Teediroos Adihaanom daayreektarummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa kaasuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Yakkoota mirgaa namoomaa raawwatamaniif kan itti gaafatamu miseensa gareen shororkeessaa ABUT fi Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanom aangoo isaanirraa kaasuf duulli mallattoo waliitti qabuu gaggeeffamaa jiraachuun himameera.

Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa akkasumas lammiileen Eertiraa fi michuuwwaan Ityoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti yakka mirgaa namoomaa raawwatametti kan itti gaafatamu gareen shororkeessaa ABUT gocha raawwate ragaadhaan deeggarun hoggantoota isaanii gaafachisuuf hojjetama jira jedhame.

Akkataa qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ajajuun bilisaan amanamummaa fi iftoominaan alaa hojjechuun garee shororkeessaa kanaaf deeggarsaa fi hoggansa kennuurratti kan argamuu Dooktar Teediroos Adihaanom gaafachisuuf duulli mallattoo waliitti qabu gaggeeffama jira.

Dooktar Teediroos Adihaanom itti gaafatamummaa isaanii idil-addunyaatti faayyadamun yakkoota idil-adduunyaa biyyaa keessaatti raawwataman dhoksuunii fi dhaabbilee fayyaa lammiilee miiliyoonan lakkaawaman itti fayyadaman garee kanaan yoo barbadaa’u akka hin agarretti bira darbuun garicha deeggaruu isaaniif agarsiiftuudha jedhameera.

Gareen kun Mootummaa Ityoophiyaa sagalee Ummataan filatame aangoorraa buusuf sochii taasisuu Dooktar Teediroos itti gaafatamummaa idil-adduunyaa isaanii fayyadamun deeggarsa taasisaa akka jiru kan ibsu duulli kun, itti gaafatamummaa isaanirraa akka ka’an akka gaafatu hubachiisaniiru.

Hoggansi garee shororkeessaa kun wayita Dooktar Teediroos daayreektara Fayyaa ta’uun tajaajila turan gocha seeran alaa raawwachaa turanii fi dhimmota yakkaan gaafachisaaniis duula kana keessatti hammatameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment