Duulli busaa dhabamsiisuu Baatuutti eegale

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Duulli dhibee busaa dhabamsiisuu aanaalee 249 Naannoo Oromiyaatti gaggeessuuf Magaalaa Baatuutti har’a eegalchiifameera.

Torbeen busaa mata duree “Busaa dhabmsiisuun Ana irraa eegala” jedhuun kan kabajamaa jiru yoo ta’u, sagantaa kanaan hojiin hubannoo uumuu kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Sagantaa jalqabsiisa duulaa kanaarratti Ittaanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bookinaa Guutaa, iddoo walhormaataa busaa ishee dhabamsisuun tatamsa’ina dhibechaa hir’isuun akka danda’amuu ibsaniiru.

Biirichi dhibee busaa gutuummaatti bara 2030 dhabamsisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment