Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (FBC) – Duulli birmadummaa garee Shororkeessaa ABUT barbadeessuu eegalame milkiin hanga xumuramutti deeggarsi hunda galeessaa eegalame cimsanii kan itti fufan ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Gaambeellaa obbo Tankaayi Jook beeksiisa.
Mootummaan naannichaa caasaalee hanga sadarkaa gandaatti jiru fayyadamuun Birrii miiliyoona 33 fi kuma dhibba 5 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanga ammaatti akaakuu fi maallaqaan Birrii miiliyoonni 15 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 50 ol Raayyaa Ittisaaf deeggarsaan laatamuu kaasaniiru.
Yeroo ammaas deeggarsi humna namaa, maallaqaa, Dhiigaa fi midhaan nyaataa walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ummanni fi mootummaan naannichaa duulli shira biyya diiguu garee ABUT dhabamsiisuu eegalame milkiin hanga xumuramutti deeggarsa taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu obbo Tankaayi Jook eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.