Duulli birmadduummaa injifannoon hanga xumuramutti naannichi deeggarsa isaa cimsee itti fufaa-Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Mootummaa fi uummattoonni naannoo Gambeellaa duulli birmadduummaa injifannoon hanga xumuramutti raayyaa ittisa biyyaa fi qaamolee nageenyaa biroof deeggarsa taasisaan cimsanii kan itti fufaan ta’uu preezdaantiin naannoo Gambeellaa obbo Umood Ujuuluu ibsaniiru.

Preezdaantichis barrii haaraan uummattoota Ityoophiyaa maraaf bara injifannoo fi misoomaa akka ta’uu hawwaniiru.

Kana dura Mootummaa fi uummattoonni naannoo Gambeellaa raayyaa ittisa biyyaa fi qaamolee nageenyaaf humna namaatin, maallaqaa, dhiiga arjoomuu fi kanneen biroon deeggarsaa taasisaa turuusaanii ibsaniiru.

Duulli birmadduummaa injifannoon hanga xumuramutti naannichi deeggarsa isaa cimsee itti fufaa jedhaniiru.

Barri 2013 akka biyyatti qormaatileen hedduun jiraataniis hojii milkoominaa hedduun galmaa’eera jedhan.

Barrii haaraan diinoonni Ityoophiyaa kan itti barbadeeffamaanii fi kan nitti qaana’aan, uummattoonni biyyatti hundi ammoo kan itti gammadaan akka ta’uu obbo Umood himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment