Duulli qulqullina magaalaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bulchinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eegalame

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Galgaloo fi Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan duula qulqullina magaalaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamu bulchinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eegalchisaniiru.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Baatiin galee torbee 3ffaan Naannoo fi magaalaa qulqulleessuun sagantaa idilee ta’ee itti fufu ta’uu Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Galgaloo ibsaniiru.

Naannoo ofii qulqulleessuun dhukkuboota dadarboo ittisuun cinatti, hawaasa fayyaa buleessa horachuuf ga’ee ol’aanaa qabaachuu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan himaniiru.

Kantibaan bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii obbo Bariisoo Tamasgeen, qulqulinni naannoo aadaa ta’ee akka itti fufuf yeroo hunda torbaninn magaalaa keenyaa jiraattoota waliin ni quluqulleessinaa jedhan.

Naannoo ofi koosii irraa bilisa gochuun mallattoo ammayyuummaa ta’uu sagantaan itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta’uu obbo Bariisoon ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment