Duula Guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 haa dhaabnu-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC) – Hagayya 17, 2016 Duula dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokkon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuun Ashaaraa keenya haa keenyu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Qalbii tokkoon guutuu Itiyoophiyaatti ashaaraa keenya haa keenyu.

Tokko yoo taane kanaa ol raawwachuu dandeenya jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Ga’eessonni biqiltuu 20, guddattoonni ammoo biqiltuuwwan 10 ol akka dhaaban waamicha taasiisaniiru

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment